-
Luqaas 23:20-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Philaaxos Yesuusiin gadhiisuu waan barbaadeef, ammas sagalee isaa ol kaasee namoota sanatti dubbate.+ 21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!”* jedhanii iyyuu jalqaban.+ 22 Innis yeroo sadaffaadhaaf, “Maaliif? Namichi kun balleessaa maalii raawwate? Ani wanta isa ajjeesisu tokko illee isa irratti hin arganne; kanaafuu, adabeen isa gadhiisa” isaaniin jedhe. 23 Isaan garuu sagalee isaanii ol kaasanii akka inni ajjeefamu* cimsanii gaafatan; innis iyya isaaniitiin ni moʼame.+ 24 Kanaafuu, Philaaxos wanti isaan gaafatan akka raawwatamu murteesse. 25 Namicha isaan gaafatan, jechuunis nama mootummaa irratti fincila kakaasuudhaan, akkasumas sababii ajjeechaatiin mana hidhaa gale sana gadhiisee, Yesuusiin immoo wanta barbaadan akka irratti raawwataniif dabarsee isaanitti kenne.
-