LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 27:22-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Philaaxosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana maal godhu ree?” isaaniin jedhe. Hundi isaaniis, “Isa fannisi!”*+ jedhan. 23 Innis, “Maaliif? Balleessaa maalii hojjete?” jedhe. Isaan garuu, “Isa fannisi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyuu isaanii itti fufan.+

      24 Philaaxos wanti kun jeequmsa kaasuu malee faayidaa akka hin qabne yommuu hubatu, bishaan fudhatee uummaticha duratti harka isaa dhiqatee, “Ani dhiiga namicha kanaatiif itti hin gaafatamu. Isinumatu itti gaafatama” jedhe. 25 Yeroo kanatti namoonni sun hundi, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa taʼu”+ jedhanii deebisan. 26 Sana booda, Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin garuu erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

  • Maarqos 15:12-15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Philaaxos ammas deebisee, “Isa isin Mootii Yihudootaa jettanii waamtan kana hoo maal godhu ree?”+ isaaniin jedhe. 13 Isaan ammas, “Isa fannisi!”* jedhanii iyyan.+ 14 Philaaxos garuu, “Maaliif? Balleessaa maalii hojjete?” isaaniin jedhe. Isaan garuu, “Isa fannisi!”* jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.+ 15 Yeroo kanatti Philaaxos, uummaticha gammachiisuu barbaadee Barbaaniin isaaniif hiike; Yesuusiin immoo erga garafsiisee+ booda muka irratti akka fannifamu dabarsee isa kenne.+

  • Yohaannis 19:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kanaan kan kaʼes, Philaaxos karaa itti isa hiiku argachuuf yaalii gochaa ture; Yihudoonni garuu, “Ati namicha kana yoo gadhiiste michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu hundi Qeesaariin ni morma” jedhanii iyyan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi