-
Yohaannis 19:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Loltoonni sun Yesuusiin muka irratti erga fannisanii booda uffatawwan isaa warra inni irraan uffatu fudhatanii tokko tokko akka isaan gaʼuuf bakka afuritti hiran; uffata inni jalatti uffatus ni fudhatan. Uffanni inni jalatti uffatu garuu gubbaadhaa hamma gadiitti walitti kan dhaʼame ture malee hodhaa hin qabu ture. 24 Kanaafuu isaan, “Kottaa, uffata kana hin tarsaasnu, eenyuuf akka kennamu murteessuuf carraa haa buufannu”+ waliin jedhan. Kunis kan taʼe, wanti Kitaabonni Qulqulluun, “Uffata koo ni hihiratan, huccuu koo irrattis carraa ni buufatan”+ jedhan akka raawwatamuufi. Wanti loltoonni godhanis kanuma ture.
-