-
Maatewos 14:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Heroodis* sababii Heroodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiin kan kaʼe, Yohaannisiin qabee hidhuudhaan mana hidhaa galchee ture.+ 4 Sababiin isaas, Yohaannis, “Ati ishii akka fuutu seerri siif hin heyyamu”+ isaan jedha ture. 5 Kanaafuu, Heroodis isa ajjeesuu kan barbaadu taʼus, namoonni Yohaannisiin akka raajiitti+ waan ilaalaniif isaan sodaate.
-
-
Maarqos 6:17-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Heroodis sababii Heroodiyaas haadha manaa obboleessa isaa Filiphoosiif jedhee, namoota ergee Yohaannisiin qabsiisee isa hidhuudhaan mana hidhaatti galchee ture; sababiin isaas, inni ishii fuudhee ture.+ 18 Yohaannis Heroodisiin, “Haadha manaa obboleessa keetii akka fuutu seerri siif hin heyyamu”+ jedha ture. 19 Kanaafuu, Heroodiyaas haaloo isatti qabattee isa ajjeesuu kan barbaaddu taʼus, kana gochuu hin dandeenye. 20 Sababiin isaas, Heroodis, Yohaannis nama qajeelaa fi qulqulluu taʼuu isaa waan beekuuf+ isa sodaata, akkasumas eegumsa isaaf godha ture. Inni wanta Yohaannis jedhu erga dhagaʼee booda, maal akka godhu kan hin beekne taʼus, gammachuudhaan isa dhaggeeffata ture.
-