21 Achiis gara Qifirnaahom deeman.
Akkuma guyyaan Sanbataa gaʼeenis mana sagadaa seenee barsiisuu jalqabe.+ 22 Namoonnis akkaataa inni itti barsiisu baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni akka barsiisota seeraatti utuu hin taʼin, akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisa ture.+