-
Maarqos 1:23-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Yeroo kanatti namni hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko mana sagadaa isaanii keessa jira ture; inni akkana jedhee iyye: 24 “Yaa Yesuus nama Naazireet, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Nu balleessuu dhuftee? Ati Qulqullicha Isa Kan Waaqayyoo taʼuu kee sirriittan beeka!”+ 25 Yesuus garuu, “Cal jedhi, isa keessaas baʼi!” jedhee isa ifate. 26 Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha erga dhidhiittachiisee booda, caraanee isa keessaa baʼe. 27 Yeroo kanatti namoonni sun hundi baayʼee dinqisiifatanii, “Kun maali? Barumsa haaraa dha! Inni hafuurota xuraaʼoo illee aangoodhaan ajaja; isaanis isaaf ajajamu” jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban. 28 Kanaan kan kaʼes, oduun waaʼee isaa dubbatamu kallattii hundumaatiin guutummaa naannoo Galiilaa keessatti saffisaan babalʼate.
-