-
Maatewos 8:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Galaanicha gamatti ceʼee naannoo Gadaareensi yommuu gaʼu, namoonni jinniidhaan qabaman lama awwaala* gidduudhaa baʼanii isatti dhufan.+ Isaan baayʼee waan nama sodaachisaniif, eenyu iyyuu onnatee karaa sana irra hin darbu ture. 29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqayyoo, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Yeroon murteeffame sun utuu hin gaʼin nu dhiphisuuf+ dhuftee?” jedhanii iyyan.+
-