-
Maarqos 1:35-38Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Ganama barii utuma lafti hin ifin kaʼee gad baʼuudhaan bakka namni hin jirre dhaqee achitti kadhachuu jalqabe.+ 36 Simoonii fi namoonni isaa wajjin turan garuu cimsanii isa barbaadan; 37 yommuu isa argatanis, “Namni hundi si barbaadaa jira” isaan jedhan. 38 Inni garuu, “Achittis akkan lallabuuf kottaa gara magaalota dhihoo jiranii haa dhaqnu; sababiin isaas, ani kanaafan dhufe”+ isaaniin jedhe.
-