-
Yohaannis 5:6-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yesuus namichi kun achi ciisee yommuu argu, yeroo dheeraadhaaf akka inni dhukkubsachaa ture beekee, “Fayyuu ni barbaaddaa?”+ isaan jedhe. 7 Namichi dhukkubsatu sunis, “Yaa Gooftaa, yommuu bishaanichi raafamu nama na gargaaree bishaanicha keessa na buusu hin qabu; yommuun seenuuf jedhu immoo namni kan biraan na dursee itti seena” jedhee isaaf deebise. 8 Yesuusis, “Kaʼi! Afata* kee baadhuutii deemi!”+ isaan jedhe. 9 Namichis yeruma sana fayye; afata* isaas baatee deemuu jalqabe.
Guyyaan sun Sanbata ture.
-