LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 5
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Dhukkubsataa Beetazaataatti fayyifame (1-18)

      • Yesuus Abbaan isaa aangoo isaaf kenneera (19-24)

      • Warri duʼan sagalee Yesuus ni dhagaʼu (25-30)

      • Waaʼee Yesuus dhugaa kan baʼan (31-47)

Yohaannis 5:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 12:14; Kes 16:1, 16; Yoh 2:13; 6:4

Yohaannis 5:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Nah 3:1

Yohaannis 5:4

Miiljaleewwan

  • *

    Kutaa Dabalataa A3 ilaali.

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    5/2016, ful. 32

Yohaannis 5:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 53:3

Yohaannis 5:7

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    5/2016, ful. 32

Yohaannis 5:8

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siree.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 9:6; Mar 2:10, 11; Luq 5:24

Yohaannis 5:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “siree.”

Yohaannis 5:10

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “siree.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Bau 20:9, 10; Mat 12:2; Luq 6:2

Yohaannis 5:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siree.”

Yohaannis 5:12

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siree.”

Yohaannis 5:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 30

Yohaannis 5:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 9:4; 14:10

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 70

    Jaalala Waaqayyoo, ful. 201

    Yesuus—Karaa, ful. 74

    “Jaalala Waaqayyoo,” ful. 172

    Masaraa Eegumsaa,

    7/15/2011, ful. 24-25

Yohaannis 5:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:28
  • +Flp 2:5, 6

Yohaannis 5:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:30; 8:28; 12:49

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 17

Yohaannis 5:20

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:17; Yoh 3:35; 10:17; 2Ph 1:17
  • +Luq 8:25; Yoh 6:10, 11, 19

Yohaannis 5:21

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 4:32-34; Ibr 11:35
  • +Luq 7:12, 14; 8:52-54; Yoh 11:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 74

Yohaannis 5:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 10:42; 17:31; 2Qo 5:10; 2Xi 4:1

Yohaannis 5:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 10:16

Yohaannis 5:24

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:16; 6:40; 8:51
  • +1Yo 3:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 74

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2009, ful. 9

    4/15/2008, ful. 30

Yohaannis 5:26

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “kennaa jireenyaa.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 36:9; HoE 17:28
  • +Yoh 11:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    4/15/2008, ful. 30-31

Yohaannis 5:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Dan 7:13
  • +Yoh 5:22; 2Xi 4:1

Yohaannis 5:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iyo 14:13; Isa 25:8; 26:19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 157

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 30

    Masaraa Eegumsaa,

    6/15/2015, ful. 12

    8/15/2009, ful. 9

    Nu Barsiisa, ful. 76

    Yesuus—Karaa, ful. 74

    Hiika Addunyaa Haaraa, ful. 2070

Yohaannis 5:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 20:12, 15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 77, 157

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    12/2022, ful. 15

    9/2022, ful. 14, 18-19, 22, 26

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 30

    Yesuus—Karaa, ful. 74

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2009, ful. 9

    Waaqayyoon Waaqeffadhu, ful. 87

Yohaannis 5:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:39; Yoh 4:34; 6:38
  • +Isa 11:4

Yohaannis 5:31

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 19:15

Yohaannis 5:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:17; Mar 9:7; Yoh 12:28-30; 1Yo 5:9

Yohaannis 5:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:15, 32

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 74

Yohaannis 5:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 3:1, 5, 6; Mar 6:20

Yohaannis 5:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 11:5; Yoh 3:2; 7:31; 10:25

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!, barumsa 16

Yohaannis 5:37

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mar 1:11; Yoh 8:18
  • +Kes 4:11, 12; Yoh 1:18; 6:46

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 74

Yohaannis 5:39

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 11:52
  • +Kes 18:15

Yohaannis 5:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 53:3; Yoh 1:11

Yohaannis 5:44

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 12:42, 43

Yohaannis 5:45

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 31:26, 27; Yoh 7:19

Yohaannis 5:46

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Kes 18:15; Luq 24:44; Yoh 1:45

Yaada Wal Simu

Yoh. 5:1Bau 12:14; Kes 16:1, 16; Yoh 2:13; 6:4
Yoh. 5:2Nah 3:1
Yoh. 5:6Isa 53:3
Yoh. 5:8Mat 9:6; Mar 2:10, 11; Luq 5:24
Yoh. 5:10Bau 20:9, 10; Mat 12:2; Luq 6:2
Yoh. 5:17Yoh 9:4; 14:10
Yoh. 5:18Yoh 14:28
Yoh. 5:18Flp 2:5, 6
Yoh. 5:19Yoh 5:30; 8:28; 12:49
Yoh. 5:20Mat 3:17; Yoh 3:35; 10:17; 2Ph 1:17
Yoh. 5:20Luq 8:25; Yoh 6:10, 11, 19
Yoh. 5:212Mo 4:32-34; Ibr 11:35
Yoh. 5:21Luq 7:12, 14; 8:52-54; Yoh 11:25
Yoh. 5:22HoE 10:42; 17:31; 2Qo 5:10; 2Xi 4:1
Yoh. 5:23Luq 10:16
Yoh. 5:24Yoh 3:16; 6:40; 8:51
Yoh. 5:241Yo 3:14
Yoh. 5:26Fr 36:9; HoE 17:28
Yoh. 5:26Yoh 11:25
Yoh. 5:27Dan 7:13
Yoh. 5:27Yoh 5:22; 2Xi 4:1
Yoh. 5:28Iyo 14:13; Isa 25:8; 26:19
Yoh. 5:29Mul 20:12, 15
Yoh. 5:30Mat 26:39; Yoh 4:34; 6:38
Yoh. 5:30Isa 11:4
Yoh. 5:31Kes 19:15
Yoh. 5:32Mat 3:17; Mar 9:7; Yoh 12:28-30; 1Yo 5:9
Yoh. 5:33Yoh 1:15, 32
Yoh. 5:35Mat 3:1, 5, 6; Mar 6:20
Yoh. 5:36Mat 11:5; Yoh 3:2; 7:31; 10:25
Yoh. 5:37Mar 1:11; Yoh 8:18
Yoh. 5:37Kes 4:11, 12; Yoh 1:18; 6:46
Yoh. 5:39Luq 11:52
Yoh. 5:39Kes 18:15
Yoh. 5:40Isa 53:3; Yoh 1:11
Yoh. 5:44Yoh 12:42, 43
Yoh. 5:45Kes 31:26, 27; Yoh 7:19
Yoh. 5:46Kes 18:15; Luq 24:44; Yoh 1:45
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
  • 43
  • 44
  • 45
  • 46
  • 47
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 5:1-47

Wangeela Yohaannis

5 Kana booda ayyaana+ Yihudootaa waan tureef, Yesuus gara Yerusaalemitti ol baʼe. 2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa+ bira bishaan kuufamaan Afaan Ibrootaatiin Beetazaataa jedhamu tokko jira ture; naannoo bishaan sanaa daandiiwwan baaxii qaban shan jiru turan. 3 Warri dhukkubsatan, warri qaro dhabeeyyii taʼan, warri naafatanii fi warri lamshaaʼan baayʼeen achi jala ni ciciisu turan. 4* —— 5 Namichi waggaa 38f dhukkubsachaa ture tokkos achi jira ture. 6 Yesuus namichi kun achi ciisee yommuu argu, yeroo dheeraadhaaf akka inni dhukkubsachaa ture beekee, “Fayyuu ni barbaaddaa?”+ isaan jedhe. 7 Namichi dhukkubsatu sunis, “Yaa Gooftaa, yommuu bishaanichi raafamu nama na gargaaree bishaanicha keessa na buusu hin qabu; yommuun seenuuf jedhu immoo namni kan biraan na dursee itti seena” jedhee isaaf deebise. 8 Yesuusis, “Kaʼi! Afata* kee baadhuutii deemi!”+ isaan jedhe. 9 Namichis yeruma sana fayye; afata* isaas baatee deemuu jalqabe.

Guyyaan sun Sanbata ture. 10 Kanaafuu, Yihudoonni namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata dha; afata* kee akka baattu seerri siif hin heyyamu”+ jedhan. 11 Inni garuu, “Namicha na fayyisetu, ‘Afata* kee baadhuutii deemi’ naan jedhe” jedhee isaaniif deebise. 12 Isaanis, “Namichi ‘Afata* kee baadhuutii deemi’ siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan. 13 Haa taʼu malee, Yesuus namoota hedduu achi turan gidduu waan seeneef, namichi sun eenyu akka isa fayyise hin beekne.

14 Sana booda Yesuus namicha sana mana qulqullummaa keessatti argatee, “Kunoo, amma fayyiteetta. Egaa wanti kana irra hammaatu akka sitti hin dhufneef, kana booda cubbuu hin hojjetin” isaan jedhe. 15 Achiis namichi kan isa fayyise Yesuus taʼuu isaa dhaqee Yihudootatti hime. 16 Yesuus guyyaa Sanbataatti wantoota kana waan hojjetuuf, Yihudoonni ariʼatama isa irra geessisuu jalqaban. 17 Inni garuu, “Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechuu koo ittan fufa”+ jedhee isaaniif deebise. 18 Seera Sanbataa cabsuu isaa qofa utuu hin taʼin, Waaqayyo Abbaa isaa+ akka taʼe dubbachuudhaan Waaqayyoo wajjin of qixxeesseera jedhanii waan yaadaniif+ Yihudoonni isa ajjeesuuf ittuma caalchisanii barbaaduu jalqaban.

19 Kanaafuu, Yesuus akkana jedhee isaaniif deebise: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Ilmi waanuma Abbaan isaa yeroo hojjetu arge qofa malee, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu hin dandaʼu.+ Sababiin isaas, waanuma Abbaan hojjetu hunda, Ilmis akkuma kanatti wantoota sana hojjeta. 20 Abbaan Ilma ni jaallata,+ wanta ofii isaatii hojjetu hundas isatti argisiisa; akka isin dinqisiifattaniif inni hojiiwwan kana irra caalan iyyuu isatti ni argisiisa.+ 21 Akkuma Abbaan namoota duʼan kaasee jiraachisu,+ Ilmis nama barbaade kam iyyuu ni jiraachisa.+ 22 Sababiin isaas, Abbaan matumaa eenyutti iyyuu hin murteessu; kanaa mannaa, hundumaa irratti akka murteessuuf Ilmaaf aangoo kenneera;+ 23 kanas kan godhe, namni hundi akkuma Abbaadhaaf ulfina kennu, Ilmaafis ulfina akka kennuufi. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine kam iyyuu, Abbaa isa isa ergeefis+ ulfina hin kennu. 24 Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni dubbii koo dhagaʼuu fi isa na erge sanatti amanu hundi jireenya bara baraa qaba;+ akkasumas duʼa jalaa gara jireenyaatti darba malee isatti hin murteeffamu.+

25 “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, saʼaatiin warri duʼan sagalee Ilma Waaqayyoo itti dhagaʼan ni dhufa; saʼaatiin sunis amma dha; warri isa dhagaʼanis ni jiraatu. 26 Sababiin isaas, akkuma Abbaan ofii isaatii jireenya* qabu,+ Ilmis ofii isaatii jireenya akka qabaatu isaaf kenneera.+ 27 Ilma namaa+ waan taʼeefis, murtii akka kennu aangoo isaaf kenneera.+ 28 Kana hin dinqisiifatinaa; sababiin isaas, saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa;+ 29 warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.+ 30 Ani ofii kootiin kakaʼee wanta tokko illee gochuu hin dandaʼu. Akkuman Abbaa koo irraa dhagaʼettan murteessa; ani fedhii isa na erge sanaa malee fedhii ofii koo raawwachuu waanan hin barbaadneef,+ murtiin koo qajeelaa dha.+

31 “Waaʼee ofii koo ani qofti yoon dhugaa baʼe, wantin dhugaa baʼu dhugaa hin taʼu.+ 32 Waaʼee koo kan dhugaa baʼu kan biraan jira; wanti inni waaʼee koo dhugaa baʼus dhugaa akka taʼe beeka.+ 33 Isin gara Yohaannisitti namoota ergitanii turtan; innis waaʼee dhugaa sanaa dhugaa baʼeera.+ 34 Haa taʼu malee, ani namni akka dhugaa anaaf baʼu hin barbaadu; wantoota kana kanan dubbadhu garuu akka isin fayyitaniifi. 35 Namichi sun ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoodhaaf ifa isaatti baayʼee gammaduuf fedhii qabdu turtan.+ 36 Ani garuu Yohaannis caalaa dhugaa kan anaaf baʼu qaba; sababiin isaas, hojiiwwan akka ani hojjedhu Abbaan koo natti kenne, jechuunis hojiiwwan ani hojjechaa jiru kun, Abbaan akka na erge dhugaa baʼu.+ 37 Kana malees, Abbaan inni na erge ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera.+ Isin yeroo kamitti iyyuu sagalee isaa hin dhageenye, bifa isaas hin argine;+ 38 isin isa inni erge waan hin amanneef, dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.

39 “Isin Kitaabota Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif kitaabota sana qorattu;+ kitaabonni kunis waaʼeema koo dhugaa baʼu.+ 40 Taʼus, isin jireenya akka argattaniif gara koo dhufuu hin barbaaddan.+ 41 Ani namoota irraa ulfina argachuu hin barbaadu; 42 taʼus, isin jaalala Waaqayyoo akka of keessaa hin qabne akka gaariittan beeka. 43 Ani maqaa Abbaa kootiinan dhufe; isin garuu na hin simanne. Namni kan biraan maqaa ofii isaatiin yoo dhufe garuu isa ni simattu. 44 Isin walii keessaniif ulfina kan kennitan, ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu kan hin barbaanne erga taʼee, akkamitti amanuu dandeessu ree?+ 45 Ani Abbaa duratti waanan isin himadhu isinitti hin fakkaatin; kan isin himatu tokko jira; innis Musee+ isa isin abdattan sana dha. 46 Dhugaa dha, Museen waaʼee koo waan barreesseef,+ utuu isatti amantaniittu taʼee, anattis ni amantu turtan. 47 Haa taʼu malee, wanta inni barreesse hin amantan erga taʼee, wanta ani dubbadhu akkamitti amantu ree?”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi