LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maqaan Kee “Kitaaba Jireenyaa” Keessatti ni Argamaa?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Fulbaana
    • DUʼAA KAʼUU JIREENYAA FI DUʼAA KAʼUU MURTII

      13-14. (a) Wanta Yesuus Yohaannis 5:29 irratti dubbate kanaan dura akkamitti hubanna turre? (b) Wanta Yesuus dubbate kana ilaalchisee maal hubachuu qabna?

      13 Yesuus waaʼee namoota lafarra jiraachuuf duʼaa kaafamaniis dubbateera. Fakkeenyaaf, Yesuus akkana jedheera: “Saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti dhagaʼan ni dhufa; warri wanta gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri wanta hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif awwaala keessaa ni baʼu.” (Yoh. 5:28, 29) Yesuus maal jechuu isaati?

      14 Kanaan dura wanta Yesuus dubbate kana gocha namoonni duʼaa kaafaman erga duʼaa kaafamanii booda raawwatan akka argisiisutti hubanna turre; kana jechuun namoonni duʼaa kaafaman tokko tokko wanta sirrii raawwatu, warri duʼaa kaafaman kaanimmoo wanta dogoggoraa raawwatu jechuudha. Haa taʼu malee, Yesuus warri awwaala yaadannoo keessaa baʼan wanta gaarii ykn wanta hamaa ni hojjetu akka hin jenne hubadhu; Yesuus asirratti jecha darbaa argisiisutti fayyadame. Yesuus kan dubbate waaʼee ‘warra wanta gaarii hojjetanii’ fi waaʼee ‘warra wanta hamaa hojjetaniiti.’ Kunis duʼuu isaanii dura wanta raawwatan argisiisa. Kun yaada amansiisaadha mitii? Sababiin isaas, addunyaa haaraa keessatti eenyuyyuu hammina akka raawwatu isaaf hin heyyamamu. Kanaafuu, jalʼoonni gocha hamminaa kan raawwatan duʼuu isaanii dura taʼuu qaba. Maarree, wanta Yesuus “duʼaa kaʼuu jireenyaa” fi “duʼaa kaʼuu murtii” ilaalchisee dubbate akkamitti hubachuu qabna?

      15. “Duʼaa kaʼuu jireenyaa” kan argatan eenyufaʼi? Maaliif?

      15 Qajeelonni duʼuu isaanii dura wanta gaarii hojjetan maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti waan argamuuf “duʼaa kaʼuu jireenyaa” argatu. Kana jechuun duʼaa kaʼuun ‘warra wanta gaarii hojjetanii’ fi Yohaannis 5:29 irratti ibsame duʼaa kaʼuu ‘qajeelotaa’ Hojii Ergamootaa 24:15 irratti ibsame wajjin tokko dha. Hubannaan kun yaada Roomaa 6:7 irratti argamuu fi “Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” jedhu wajjin wal sima. Cubbuun qajeelonni kun raawwatan yeroo duʼanitti isaaniif haqameera. Gochi amanamummaa isaan raawwatan garuu yaadatamuu isaa itti fufa. (Ibr. 6:10) Haa taʼu malee, qajeelonni duʼaa kaafaman kun maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa akka hin balleeffamneef amanamoo taʼanii itti fufuu qabu.

      16. ‘Duʼaa kaʼuun murtii’ maal argisiisa?

      16 Warri duʼuu isaanii dura wanta hamaa hojjetan hoo? Namoonni kun yeroo duʼanitti cubbuun isaanii kan isaaniif haqame taʼus, gocha amanamoo taʼuu isaanii argisiisu hin raawwanne. Kanaafuu, maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti hin barreeffamne. Kanarraa hubachuun akka dandaʼamutti, duʼaa kaʼuun warra ‘wanta hamaa hojjetanii’ duʼaa kaʼuu ‘jalʼootaa’ Hojii Ergamootaa 24:15 irratti caqasame wajjin tokkodha. Duʼaa kaʼuun isaanii “duʼaa kaʼuu murtiiti.”c Kana jechuun Yesuus gocha jalʼootaa ni qora jechuu dha. (Luq. 22:30) Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti barreeffamuun kan isaaniif malu taʼuuf dhiisuu isaa murteessuuf yeroo fudhata. Jalʼoonni kun maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessatti kan barreeffamu hammina kanaan dura raawwachaa turan yoo dhiisanii fi Yihowaadhaaf yoo of murteessan qofadha.

  • Maqaan Kee “Kitaaba Jireenyaa” Keessatti ni Argamaa?
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2022 | Fulbaana
    • c Kanaan dura jechi “murtii” jedhu murtii namoota hammina raawwatanirratti dabarfamu akka argisiisutti yaanna turre. Jechi “murtii” jedhu hiika kanas qabaachuu akka dandaʼu beekamaadha. Haa taʼu malee, Yesuus galumsa kana keessatti jecha “murtii” jedhu kan fayyadame, nama tokko gamaaggamuuf ykn qoruuf of eeggannoodhaan ilaaluu argisiisuufi. Yookiin akka hiikni jechootaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii tokko ibsetti gocha nama tokkoo qoruu argisiisa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi