LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Luqaas 7:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yommuu karra magaalattiitti dhihaatus, namoonni reeffa tokko baatanii baʼaa turan; namni duʼe kun haadha isaatiif ilma tokkicha ture.+ Kana malees, ishiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe turte. Namoonni magaalattii hedduunis ishii wajjin turan.

  • Luqaas 7:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Achiis itti siqee siricha* tuqe; namoonni reeffa sana baatanis ni dhaabbatan. Sana booda inni, “Dargaggeessa nana, siinan jedha, kaʼi!”+ jedhe.

  • Luqaas 8:52-54
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 52 Yeroo kanatti, namoonni sun hundi ishiidhaaf booʼaa gaddaan qoma isaanii rurrukutu turan. Kanaafuu inni, “Hin booʼinaa,+ intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. 53 Yeroo kanatti isaan intalattiin duʼuu ishii waan beekaniif, qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 54 Inni garuu harka ishii qabee, “Intaloo, kaʼi!”+ ishiidhaan jedhe.

  • Yohaannis 11:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana.+ Namni anatti amanu yoo duʼe illee deebiʼee ni jiraata;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi