-
Maatewos 9:23-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Yeroo mana bulchaa sanaa gaʼus, namoota ulullee afuufanii fi namoota wacaa jiran hedduu arge;+ 24 Yesuus, “Mee gad baʼaa; intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. Yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 25 Akkuma namoonni sun gad baafamaniin, gara manaatti seenee harka ishii qabe;+ intalattiinis ol kaate.+ 26 Oduun isaas guutummaa naannoo sanaatti babalʼate.
-
-
Maarqos 5:38-43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Yeroo mana geggeessaa mana sagadaa sanaa gaʼanis, Yesuus namoota wacan, booʼanii fi gadoodan arge.+ 39 Erga ol seenee booda, “Maaliif waccanii boossu? Intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” isaaniin jedhe. 40 Isaanis yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. Inni garuu hunda isaanii erga gad baasee booda, abbaa fi haadha intalattii, akkasumas warra isaa wajjin jiran fudhatee bakka intalattiin jirtutti ol seene. 41 Achiis harka intalattii qabee, “Xaaliitaa quumii” ishiidhaan jedhe; hiikni isaas, “Intaloo siinan jedha, kaʼi!”+ jechuu dha. 42 Intalattiinis yeruma sana kaatee deemuu jalqabde. (Umuriin ishii waggaa 12 ture.) Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii of wallaalan. 43 Inni garuu waaʼee kanaa eenyutti iyyuu akka hin dubbanne irra deddeebiʼee* isaan ajaje;+ wanta nyaatamu akka ishiidhaaf kennanis isaanitti hime.
-