LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 9:23-26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Yeroo mana bulchaa sanaa gaʼus, namoota ulullee afuufanii fi namoota wacaa jiran hedduu arge;+ 24 Yesuus, “Mee gad baʼaa; intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. Yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 25 Akkuma namoonni sun gad baafamaniin, gara manaatti seenee harka ishii qabe;+ intalattiinis ol kaate.+ 26 Oduun isaas guutummaa naannoo sanaatti babalʼate.

  • Luqaas 8:51-56
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Yeroo manicha bira gaʼus, Pheexiros, Yohaannisii fi Yaaqoob, akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee eenyu iyyuu akka isaa wajjin ol seenu hin heyyamne. 52 Yeroo kanatti, namoonni sun hundi ishiidhaaf booʼaa gaddaan qoma isaanii rurrukutu turan. Kanaafuu inni, “Hin booʼinaa,+ intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. 53 Yeroo kanatti isaan intalattiin duʼuu ishii waan beekaniif, qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 54 Inni garuu harka ishii qabee, “Intaloo, kaʼi!”+ ishiidhaan jedhe. 55 Achiis hafuurri* ishii+ itti deebiʼe, yeruma sanas ol kaate;+ Yesuusis wanta nyaattu akka ishiidhaaf kennan ajaje. 56 Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii waan godhan wallaalan; inni garuu wanta taʼe kana eenyutti iyyuu akka hin dubbanne isaan ajaje.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi