-
Maarqos 5:38-43Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Yeroo mana geggeessaa mana sagadaa sanaa gaʼanis, Yesuus namoota wacan, booʼanii fi gadoodan arge.+ 39 Erga ol seenee booda, “Maaliif waccanii boossu? Intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” isaaniin jedhe. 40 Isaanis yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. Inni garuu hunda isaanii erga gad baasee booda, abbaa fi haadha intalattii, akkasumas warra isaa wajjin jiran fudhatee bakka intalattiin jirtutti ol seene. 41 Achiis harka intalattii qabee, “Xaaliitaa quumii” ishiidhaan jedhe; hiikni isaas, “Intaloo siinan jedha, kaʼi!”+ jechuu dha. 42 Intalattiinis yeruma sana kaatee deemuu jalqabde. (Umuriin ishii waggaa 12 ture.) Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii of wallaalan. 43 Inni garuu waaʼee kanaa eenyutti iyyuu akka hin dubbanne irra deddeebiʼee* isaan ajaje;+ wanta nyaatamu akka ishiidhaaf kennanis isaanitti hime.
-
-
Luqaas 8:52-56Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
52 Yeroo kanatti, namoonni sun hundi ishiidhaaf booʼaa gaddaan qoma isaanii rurrukutu turan. Kanaafuu inni, “Hin booʼinaa,+ intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. 53 Yeroo kanatti isaan intalattiin duʼuu ishii waan beekaniif, qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. 54 Inni garuu harka ishii qabee, “Intaloo, kaʼi!”+ ishiidhaan jedhe. 55 Achiis hafuurri* ishii+ itti deebiʼe, yeruma sanas ol kaate;+ Yesuusis wanta nyaattu akka ishiidhaaf kennan ajaje. 56 Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii waan godhan wallaalan; inni garuu wanta taʼe kana eenyutti iyyuu akka hin dubbanne isaan ajaje.+
-