35 Yeroo kanatti gurri isaa ni baname,+ arrabni isaa inni hidhames ni hiikame; sirriitti dubbachuus ni jalqabe. 36 Achiis wanta kana eenyutti iyyuu akka hin himne isaan ajaje;+ inni cimsee isaan ajajus, isaan garuu ittuma caalchisanii dubbachuu isaanii itti fufan.+