-
Maatewos 13:3-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Achiis akkana jedhee fakkeenyaan+ wanta hedduu isaan barsiisuu jalqabe: “Kunoo, namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe.+ 4 Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼan; simbirroonnis dhufanii isaan funaannatan.+ 5 Kaan immoo lafa dhagaa taʼee fi biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan; biyyoon sun gad fageenya waan hin qabneef dafanii biqilan.+ 6 Haa taʼu malee, hidda waan hin qabneef, yeroo aduun baatu waxalamanii gogan. 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen sunis guddatee isaan hudhe.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼanii firii godhachuu jalqaban; inni tokko dachaa 100, inni tokko dachaa 60, inni tokko immoo dachaa 30 godhate.+ 9 Namni gurra qabu haa dhagaʼu.”+
-
-
Maarqos 4:3-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Dhaggeeffadhaa. Kunoo, namni sanyii facaasu tokko sanyii facaasuu dhaqe.+ 4 Utuma inni facaasaa jiruus sanyiiwwan tokko tokko karaa qarqara buʼan; simbirroonnis dhufanii isaan funaannatan. 5 Kaan immoo lafa dhagaa taʼee fi biyyoo hedduu hin qabne irra buʼan; biyyoon sun gad fageenya waan hin qabneef dafanii biqilan.+ 6 Haa taʼu malee, hidda waan hin qabneef, yeroo aduun baatu waxalamanii gogan. 7 Warri kaan immoo qoree gidduu buʼan; qoreen sunis guddatee waan isaan hudheef firii utuu hin godhatin hafan.+ 8 Kaan garuu biyyoo gaarii irra buʼan; biqilanii guddataniis firii godhachuu jalqaban; akka kanaan dachaa 30, dachaa 60 fi dachaa 100 godhatan.”+ 9 Achiis itti dabaluudhaan, “Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu”+ jedhe.
-