-
Maatewos 13:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Inni lafa dhagaa irratti facaafame immoo, isa dubbicha dhagaʼee yeruma sana gammachuudhaan fudhatu dha.+ 21 Taʼus, dubbichi isa keessatti hidda waan hin godhanneef yeroo muraasaaf qofa tura; sababii dubbichaatiin yommuu rakkinni yookiin ariʼatamni isa irra gaʼu yeruma sana ni gufata.
-
-
Maarqos 4:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Sanyiiwwan lafa dhagaa irratti facaafaman immoo warra akkuma dubbicha dhagaʼaniin gammachuudhaan fudhatani dha.+ 17 Haa taʼu malee, dubbichi isaan keessatti hidda waan hin godhanneef, isaan yeroo muraasaaf qofa turu; sana booda sababii dubbichaatiin rakkinni yookiin ariʼatamni yommuu isaan irra gaʼu yeruma sana ni gufatu.
-