-
Maarqos 5:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Utuu inni bidiruu yaabbachaa jiruus, namni jinniidhaan qabamee ture sun isaa wajjin deemuuf isa kadhate.+ 19 Yesuus garuu isaaf heyyamuu mannaa, “Gara qeʼee kee fi firoottan kee dhaqiitii wanta Yihowaan* siif godhe hundumaa fi gara laafina inni sitti argisiise isaanitti himi” isaan jedhe. 20 Namichis dhaqee wanta Yesuus isaaf godhe hundumaa Dikaapoolisitti* lallabuu jalqabe; namoonni hundis ni dinqisiifatan.
-