22 “Ibsaan qaamaa ija dha.+ Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa taʼa. 23 Ijji kee kan hinaafu yoo taʼe+ garuu, guutummaan qaama keetii dukkana taʼa. Ifni si keessa jiru dhuguma dukkana yoo taʼe, dukkanni sun hammam guddaa haa taʼu!