-
Maatewos 23:27, 28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana,+ isiniif wayyoo! Isin awwaala nooraa dibamee+ alli isaa bareeduu fi keessi isaa garuu lafee namoota duʼanii fi xuraaʼummaa akaakuu hundumaatiin guutame fakkaattu. 28 Alaan qajeelota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessaa fi hamminaan kan guutame dha.+
-