-
Yaaqoob 4:13-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Egaa isin warri, “Harʼa yookiin boru gara magaalaa kanaa ni dhaqna, achis waggaa tokko ni turra, ni daldalla, buʼaas ni buufanna”+ jettan dhagaʼaa, 14 isin jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan.+ Sababiin isaas, isin hurrii yeroo muraasaaf mulʼatee sana booda badu dha.+ 15 Kanaa mannaa, “Fedhii Yihowaa* yoo taʼe,+ ni jiraanna, kana yookiin sana ni goona” jechuu qabdu. 16 Isin garuu akka malee of tuuluu keessanitti boontu. Of tuuluun akkasii hundi immoo hamaa dha.
-