31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin ‘Maal uffanna?’ jettanii matumaa hin yaaddaʼinaa.+ 32 Sababiin isaas, wantoonni kun hundi wantoota saboonni argachuuf baayʼee hawwani dha. Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka.