-
Maatewos 24:48-51Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
48 “Haa taʼu malee, garbichi hamaan sun garaa isaatti, ‘Gooftaan koo ni tura’ jedhee yaaduudhaan,+ 49 warra akkuma isaa garboota taʼan reebuu, akkasumas warra machooftuu wajjin nyaachuu fi dhuguu yoo jalqabe, 50 gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti+ dhufee 51 adaba guddaa isa adaba; qoodni isaas fakkeessitootaa wajjin akka taʼu godha. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara.+
-