-
Maatewos 16:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Yommuu dhihu, ‘Samiin waan diimateef hin roobu’ jettu; 3 ganama immoo, ‘Samiin kan diimate taʼus duumessa waan qabuuf, harʼa ni qorra, bokkaanis ni rooba’ jettu. Isin bifa samii ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu ni dandeessu; haa taʼu malee, mallattoowwan barichaa ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu hin dandeessan.
-
-
Luqaas 19:42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
42 akkana jedhe: “Ati, eeyyee, atumti, wantoota nagaa siif argamsiisan guyyaa kanatti utuu hubattee gaarii ture; amma garuu isaan ija kee duraa dhokfamaniiru.+
-