-
Maatewos 28:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Sanbanni erga darbee booda, guyyaa jalqabaa torban sanaatti, Maariyaam ishiin Magdalaa fi Maariyaam ishiin kan biraan awwaalicha ilaaluuf ganama barii dhufan.+
-
-
Maatewos 28:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, dubartoonni sun yeruma sana awwaala yaadannoo sana biraa kaʼanii, sodaa fi gammachuu guddaadhaan barattoota isaatti himuuf fiigaa deeman.+
-
-
Luqaas 24:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 bakka awwaalichaatii* deebiʼaniis wantoota kana hunda warra Kudha Tokkottii fi warra kaan hundumaatti himan.+ 10 Isaanis, Maariyaam ishii Magdalaa, Yoʼaanaa fi Maariyaam haadha Yaaqoob turan. Dubartoonni isaanii wajjin turan kaanis wantoota kana ergamootatti himan. 11 Haa taʼu malee, dubbiin kun oduu faayidaa hin qabne waan isaanitti fakkaateef, isaan dubartoota sana hin amanne.
-