3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:
“Kottaa, gara gaara Yihowaatti,
Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+
Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,
Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+
Sababiin isaas, seerri Xiyoon keessaa,
Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+