LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 8:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yeroo kanatti obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan kaʼeef, bishaanichi bidirichatti namʼuu jalqabe; Yesuus garuu rafee ture.+

  • Maatewos 14:24-33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yeroo kanatti bidiruun sun qarqara galaanaa irraa baayʼee* fagaattee kan turte yeroo taʼu, bubbeen gara isaaniitti waan bubbisuuf dambaliin galaanaa baayʼee isaan rakkisa ture. 25 Haa taʼu malee halkan keessaa kutaa isa arfaffaatti* Yesuus galaanicha irra deemaa gara isaanii dhufe. 26 Barattoonni isaas utuu inni galaana irra deemuu arganii baayʼee waan naʼaniif, “Kun ekeraa dha!” jedhanii sodaadhaan iyyan. 27 Yesuus garuu yeruma sana, “Jabaadhaa! Ana dha, hin sodaatinaa”+ isaaniin jedhe. 28 Pheexirosis deebisee, “Yaa Gooftaa, si dha yoo taʼe, bishaan irra deemee gara kee akkan dhufu na ajaji” isaan jedhe. 29 Yesuusis, “Kottu!” jedhe. Kanaafuu, Pheexiros bidiricha irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuusitti qajeele. 30 Yeroo obomboleettii sana ilaalu garuu ni sodaate. Yommuu liqimfamuu jalqabus, “Yaa Gooftaa, na oolchi!” jedhee iyye. 31 Yesuusis yeruma sana harka isaa hiixatee isa qabee, “Namicha amantii xinnoo qabdu nana, maaliif shakkite?”+ isaan jedhe. 32 Bidiruu sana erga yaabbatanii booda, obomboleettiin sun ni dhaabbate. 33 Achiis warri bidiruu sana irra turan, “Ati dhuguma Ilma Waaqayyoo ti” jedhanii isaaf sagadan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi