LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maarqos 4:37-41
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Yeroo kanatti obomboleettii hamaan tokko kaʼee dambaliin bishaanii bidiruu sanatti rukutamuu waan jalqabeef, bidirichi liqimfamuu jala gaʼe.+ 38 Yesuus garuu, kutaa duubaa bidiruu sanaa keessa boraatii boraafatee rafee ture. Kanaafuu isa dammaqsanii, “Barsiisaa, dhumuun keenya si hin yaaddessuu?” isaan jedhan. 39 Yeroo kanatti inni kaʼee bubbee sana ifate; galaanichaanis, “Cal jedhi! Gab jedhi!”+ jedhe. Bubbeen sunis ni dhaabbate; tasgabbii guddaanis ni taʼe. 40 Achiis, “Maaliif akkana sodaattan? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?” isaaniin jedhe. 41 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Kun dhuguma eenyu? Bubbee fi galaanni illee isaaf ni ajajamu”+ waliin jedhan.

  • Luqaas 8:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Haa taʼu malee, utuma deemaa jiranii hirribni isa fudhate. Yeroo kanatti obomboleettii hamaan tokko haroo sana irratti ni kaʼe; bidiruun isaanii bishaaniin guutamuu waan jalqabeef, liqimfamuu jala gaʼe.+ 24 Kanaafuu, isaan dhaqanii isa dammaqsanii, “Barsiisaa, Barsiisaa, dhumuuf jenna!” jedhan. Yesuusis kaʼee bubbee fi bishaan raafamu sana ifate, bubbeen sunis ni dhaabbate; tasgabbiinis ni taʼe.+ 25 Achiis, “Amantiin keessan eessa jira?” isaaniin jedhe. Isaan garuu sodaa guddaa fi dinqisiifannaadhaan, “Kun dhuguma eenyu? Bubbee fi bishaan illee ni ajaja; isaanis isaaf ni ajajamu”+ waliin jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi