-
Maatewos 8:24-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yeroo kanatti obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan kaʼeef, bishaanichi bidirichatti namʼuu jalqabe; Yesuus garuu rafee ture.+ 25 Isaanis gara isaa dhaqanii erga isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa, dhumuuf jenna, nu oolchi!” isaan jedhan. 26 Inni garuu, “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”*+ isaaniin jedhe. Achiis kaʼee bubbee sanaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni taʼe.+ 27 Kanaafuu, namoonni sun baayʼee dinqisiifatanii, “Kun nama akkamii ti? Bubbee fi galaanni illee isaaf ajajamu” jedhan.
-
-
Maarqos 4:37-41Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Yeroo kanatti obomboleettii hamaan tokko kaʼee dambaliin bishaanii bidiruu sanatti rukutamuu waan jalqabeef, bidirichi liqimfamuu jala gaʼe.+ 38 Yesuus garuu, kutaa duubaa bidiruu sanaa keessa boraatii boraafatee rafee ture. Kanaafuu isa dammaqsanii, “Barsiisaa, dhumuun keenya si hin yaaddessuu?” isaan jedhan. 39 Yeroo kanatti inni kaʼee bubbee sana ifate; galaanichaanis, “Cal jedhi! Gab jedhi!”+ jedhe. Bubbeen sunis ni dhaabbate; tasgabbii guddaanis ni taʼe. 40 Achiis, “Maaliif akkana sodaattan? Amma iyyuu amantii hin qabdanii?” isaaniin jedhe. 41 Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Kun dhuguma eenyu? Bubbee fi galaanni illee isaaf ni ajajamu”+ waliin jedhan.
-