LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 8:24-27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Yeroo kanatti obomboleettii cimaan tokko galaanicha irratti waan kaʼeef, bishaanichi bidirichatti namʼuu jalqabe; Yesuus garuu rafee ture.+ 25 Isaanis gara isaa dhaqanii erga isa dammaqsanii booda, “Yaa Gooftaa, dhumuuf jenna, nu oolchi!” isaan jedhan. 26 Inni garuu, “Isin warri amantii xinnoo qabdan nana, maaliif akkana sodaattan?”*+ isaaniin jedhe. Achiis kaʼee bubbee sanaa fi galaanicha ifate; tasgabbii guddaanis ni taʼe.+ 27 Kanaafuu, namoonni sun baayʼee dinqisiifatanii, “Kun nama akkamii ti? Bubbee fi galaanni illee isaaf ajajamu” jedhan.

  • Luqaas 8:23-25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Haa taʼu malee, utuma deemaa jiranii hirribni isa fudhate. Yeroo kanatti obomboleettii hamaan tokko haroo sana irratti ni kaʼe; bidiruun isaanii bishaaniin guutamuu waan jalqabeef, liqimfamuu jala gaʼe.+ 24 Kanaafuu, isaan dhaqanii isa dammaqsanii, “Barsiisaa, Barsiisaa, dhumuuf jenna!” jedhan. Yesuusis kaʼee bubbee fi bishaan raafamu sana ifate, bubbeen sunis ni dhaabbate; tasgabbiinis ni taʼe.+ 25 Achiis, “Amantiin keessan eessa jira?” isaaniin jedhe. Isaan garuu sodaa guddaa fi dinqisiifannaadhaan, “Kun dhuguma eenyu? Bubbee fi bishaan illee ni ajaja; isaanis isaaf ni ajajamu”+ waliin jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi