-
Hojii Ergamootaa 20:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Naannoowwan sana keessa deemee obboloota achi jiran jechoota hedduudhaan erga jajjabeessee booda gara Giriikii dhufe. 3 Iddoo kana jiʼa sadiif ture; haa taʼu malee, yommuu dooniidhaan gara Sooriyaa dhaquuf kaʼetti Yihudoonni isa ajjeesuuf waan mariʼataniif+ yaada isaa jijjiiree karaa Maqedooniyaa deebiʼe.
-
-
Hojii Ergamootaa 23:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yommuu bariʼu Yihudoonni isa irratti daba qopheessanii hanga Phaawulosiin ajjeesanitti homaa akka hin nyaannee fi akka hin dhugne waliif kakatan.
-