-
Hojii Ergamootaa 11:5-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 “Magaalaa Yoophee keessatti kadhachaa utuun jiruu, akka muguu taʼee mulʼata tokkon arge; wanti* huccuu guddaa quncee talbaa irraa tolfame fakkaatu tokko karaa afuriin qabamee utuu samii irraa gad buʼuu nan arge; innis kallattiidhaan gara koo dhufe.+ 6 Yommuun hubadhee ilaalus bineensota lafa irraa miila afur qaban, bineensota bosonaa, uumamawwan lafa irra loʼanii fi simbirroota samii achi keessatti nan arge. 7 Sagaleen tokko, ‘Pheexiros, kaʼiitii qalii nyaadhu!’ yommuu naan jedhus nan dhagaʼe. 8 Ani garuu, ‘Yaa Gooftaa, matumaa hin taʼu; wanti xuraaʼaan yookiin wanti qulqulluu hin taane matumaa afaan koo seenee hin beekun’ jedhe. 9 Siʼa lammaffaadhaaf sagalichi samii irraa, ‘Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi’ jedhee deebise. 10 Sagaleen sun siʼa sadaffaa natti dubbate; achiis wanti hundi deebiʼee gara samiitti ol fudhatame.
-