-
Hojii Ergamootaa 10:10-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Haa taʼu malee, baayʼee waan beelaʼeef nyaachuu barbaade. Utuma isaan nyaata qopheessaa jiraniis akka muguu taʼe;+ 11 samiin banamee wanti* huccuu guddaa quncee talbaa irraa tolfame fakkaatu tokko karaa afuriin qabamee yommuu gara lafaatti gad buʼu arge; 12 achi keessa akaakuun bineensota lafa irraa hundi, jechuunis miila afur kan qaban, lafa irra kan loʼanii fi simbirroonni samii jiru turan. 13 Achiis sagaleen tokko, “Pheexiros, kaʼiitii qalii nyaadhu!” isaan jedhe. 14 Pheexiros garuu, “Yaa Gooftaa, hin taʼu; ani matumaa wanta xuraaʼaa fi wanta qulqulluu hin taane nyaadhee hin beeku” jedhe.+ 15 Sagaleen sun ammas yeroo lammaffaadhaaf, “Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi” jedhee isatti dubbate. 16 Sagaleen sun siʼa sadaffaa isatti dubbate; achiis wanti* sun yeruma sana gara samiitti ol fudhatame.
-