-
Leewwota 11:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “‘Haa taʼu malee, horiiwwan alala guuran yookiin kotteen isaanii baqaqe kana hin nyaatinaa: gaalli alala kan guuru taʼus kotteen isaa baqaqaa miti. Inni isiniif xuraaʼaa dha.+
-
-
Leewwota 11:13-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “‘Uumamawwan barrisan keessaa wantoonni jibbuu qabdanii fi jibbamoo waan taʼaniif nyaatamuu hin qabne kanneen kana dha: risaa,+ culullee qurxummii nyaatu, ruumicha gurraacha,+ 14 culullee diimtuu fi culullee gurraattii akaakuu hundumaa, 15 arraagessa akaakuu hundumaa, 16 guchii, hurunguu, simbirroo bishaanii, coroffee akaakuu hundumaa, 17 hurunguu xinnoo, haadha quufoo, hurunguu gurra dheeratu, 18 daakkiyyee guddoo, allaattii bishaanii, ruumicha, 19 allaattii awwaannisaa, haadha gaayyee akaakuu hundumaa, simbira guttiyyaa qabduu fi simbira halkanii. 20 Ilbiisonni baallee qabanii fi luka arfaniin deeman hundi isiniif jibbisiisoo dha.
-
-
Keessa Deebii 14:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Wanta jibbisiisaa taʼe akkamii iyyuu hin nyaatin.+
-