LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 11:46, 47
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 46 “‘Horiiwwan, uumamawwan barrisan, uumama* bishaan keessa sochoʼu hundumaa fi uumama* lafa irra yaaʼu hundumaa ilaalchisee seerri kenname kana dha; 47 kunis kan kenname, isa xuraaʼaa fi isa qulqulluu gidduu, akkasumas uumamawwan jiraatoo nyaatamuu dandaʼanii fi nyaatamuu hin dandeenye gidduu garaa garummaan akka jiraatu gochuufi.’”+

  • Keessa Deebii 14:4-20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Horiiwwan nyaachuu dandeessan kanneen kana dha:+ qotiyyoo, hoolaa, reʼee, 5 gadamsa, borofa, borofa akaakuu kan biraa, reʼee bosonaa, bosonuu, hoolaa bosonaa fi hoolaa gaaraa. 6 Horii kotteen isaa baqaqee lamatti hiramee fi alala guuru kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu. 7 Haa taʼu malee, horiiwwan alala guuran yookiin kotteen isaanii baqaqe kana hin nyaatinaa: gaalli, illeettiinii fi osoleen alala kan guuran taʼus kotteen isaanii baqaqaa miti. Isaan isiniif xuraaʼoo dha.+ 8 Booyyeen kotteen isaa baqaqaa taʼus alala waan hin guurreef nyaatamuu hin qabu. Inni isiniif xuraaʼaa dha. Foon isaanii hin nyaatinaa yookiin raqa isaanii hin tuqinaa.

      9 “Wanta bishaan keessa jiraatu kam iyyuu keessaa kanneen kana nyaachuu ni dandeessu: Wanta baallee fi qola qabu kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu.+ 10 Wanta baallee fi qola hin qabne kam iyyuu garuu hin nyaatinaa. Kun isiniif xuraaʼaa dha.

      11 “Simbirroo qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu. 12 Haa taʼu malee, kanneen kana hin nyaatinaa: risaa, culullee qurxummii nyaatu, ruumicha gurraacha,+ 13 culullee diimtuu, culullee gurraattii, culullee gosa hundumaa, 14 arraagessa gosa hundumaa, 15 guchii, hurunguu, simbirroo bishaanii, coroffee gosa hundumaa, 16 hurunguu xinnoo, hurunguu gurra dheeratu, daakkiyyee guddoo, 17 allaattii bishaanii, ruumicha, haadha quufoo, 18 allaattii awwaannisaa, haadha gaayyee gosa hundumaa, simbira guttiyyaa qabduu fi simbira halkanii. 19 Akkasumas uumamni gareedhaan jiraatuu fi baallee qabu* kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha. Isaan nyaatamuu hin qaban. 20 Uumama barrisuu fi qulqulluu taʼe kam iyyuu nyaachuu ni dandeessu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi