-
Galaatiyaa 2:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Nuti warri dhalootaan Yihudii taanee fi akka cubbamoota saboota kaan keessa jiranii hin taane, 16 namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoositti amanuu+ isaatiin qofa akka taʼe beekna. Kanaafuu, namni* kam iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa jedhamee waamamuu waan hin dandeenyeef, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Kiristoositti amanuudhaan qajeelota jedhamnee waamamuu akka dandeenyuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra.+
-