Hojii Ergamootaa 13:39 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 39 Seerri Musee qajeelaa isin gochuu hin dandeenye;+ haa taʼu malee, duʼa namicha kanaatiin kan kaʼe Waaqayyo nama amanu kam iyyuu qajeelaa jedhee ni waama.+ Roomaa 1:17 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 17 “Inni qajeelaan garuu amantiidhaan jiraata” jedhamee akkuma barreeffame,+ Waaqayyo karaa misiraachichaa qajeelummaa isaa namoota amantii qabanitti ni mulʼisa; kunis amantii isaanii isaaniif cimsa.+ Roomaa 5:17 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 17 Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama sanaa erga mootii taʼee,+ namoonni gaarummaa guddaa fi kennaa tolaa qajeelummaa baayʼinaan argatan+ karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos jireenya argatanii+ mootota taʼanii akka bulchan+ caalaatti mirkanaaʼaa dha. 1 Qorontos 6:11 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan. Haa taʼu malee, maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtanii+ qulqullooftaniittu,+ qulqulloota taataniittu, akkasumas qajeelota jedhamtaniittu.+ Yaaqoob 2:23 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 23 yaadni Kitaabota Qulqulluu inni, “Abrahaam Yihowaatti* amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame”+ jedhus ni raawwatame; inni michuu Yihowaa* jedhamee waamameera.+
39 Seerri Musee qajeelaa isin gochuu hin dandeenye;+ haa taʼu malee, duʼa namicha kanaatiin kan kaʼe Waaqayyo nama amanu kam iyyuu qajeelaa jedhee ni waama.+
17 “Inni qajeelaan garuu amantiidhaan jiraata” jedhamee akkuma barreeffame,+ Waaqayyo karaa misiraachichaa qajeelummaa isaa namoota amantii qabanitti ni mulʼisa; kunis amantii isaanii isaaniif cimsa.+
17 Cubbuu nama tokkootiin kan kaʼe duuti karaa nama sanaa erga mootii taʼee,+ namoonni gaarummaa guddaa fi kennaa tolaa qajeelummaa baayʼinaan argatan+ karaa nama tokkoo, jechuunis karaa Yesuus Kiristoos jireenya argatanii+ mootota taʼanii akka bulchan+ caalaatti mirkanaaʼaa dha.
11 Isin keessaa tokko tokko namoota akkasii turtan. Haa taʼu malee, maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtanii+ qulqullooftaniittu,+ qulqulloota taataniittu, akkasumas qajeelota jedhamtaniittu.+
23 yaadni Kitaabota Qulqulluu inni, “Abrahaam Yihowaatti* amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame”+ jedhus ni raawwatame; inni michuu Yihowaa* jedhamee waamameera.+