5 Mana keenya isa lafa irraa kan taʼe dunkaanni kun yoo diigame,+ samii irratti mana bara baraa harkaan utuu hin taʼin Waaqayyoon ijaarame akka qabnu beekna.+ 2 Sababiin isaas, nuti isa samii irratti nuuf qophaaʼe sana uffachuuf hawwii guddaa waan qabnuuf, mana kana keessatti ni aadna;+