-
Roomaa 16:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Waaqayyo mulʼifamuu iccitii qulqulluu+ bara dheeraadhaaf dhokfamee turee wajjin haala wal simuun, misiraachoo ani lallabuu fi ergaa waaʼee Yesuus Kiristoos ibsu sanaan isin jabeessuu dandaʼa; 26 iccitiin kun amma mulʼifameera; akkasumas akka Waaqayyo inni bara baraaf jiraatu ajajetti, namoonni Waaqayyotti amanuudhaan akka ajajaman jajjabeessuuf karaa raajii Kitaabota Qulqulluu saboota hunda biratti beekameera;
-