-
Efesoon 1:9-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 kana kan godhe iccitii qulqulluu+ waaʼee fedhii isaa ibsu nutti beeksisuudhaani. Iccitiin kunis kaayyoo isaa wajjin haala wal simuun wanta inni raawwachuu barbaadee wajjin kan wal qabate dha; 10 yeroon murteeffame yommuu xumuramutti bulchiinsa tokko hundeessuudhaan, wantoota hunda, jechuunis wantoota samii keessaa fi wantoota lafa irraa gara Kiristoositti walitti qaba.+ Eeyyee, karaa isaa wantoonni hundi walitti qabamu; 11 nuti isaa wajjin tokkummaa qabna, dhaaltota akka taanuufis filatamneerra;+ inni akka fedhii isaatti karaa ofiin murteesseen waan hundumaa waan raawwatuuf, haala kaayyoo isaa wajjin wal simuun dursee nu filateera; 12 kunis nuti warri Kiristoosiin abdachuudhaan warra jalqabaa taane, Waaqayyo ulfina guddaa akka argatu akka goonuufi.
-
-
Qolosaayis 1:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 eeyyee, iccitii qulqulluun+ kun sirnoota* darbanii fi dhaloota darban jalaa dhokatee ture.+ Amma garuu warra qulqulloota isaa taʼaniif ifa taʼeera;+ 27 Waaqayyo iccitii qulqulluu isa qabeenya ulfina qabeessa taʼe kana saboota gidduutti isaanitti beeksise. Iccitii qulqulluun+ kun Kiristoos isa isinii wajjin tokkummaa qabuu fi isin ulfina isaa irraa hirmaachuuf+ abdii qabdani dha.
-