-
Efesoon 3:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Iccitiin kun akka amma karaa hafuuraa ergamoota qulqulluu fi raajotatti mulʼate, ilmaan namootaa warra dhaloota darban keessa turanitti hin mulʼanne;+ 6 kunis, namoonni saboota kaan keessaa dhufan Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan karaa misiraachichaa, isaa wajjin akka dhaalanii fi miseensa qaama tokkoo+ akka taʼan, akkasumas nuu wajjin waadaa Waaqayyo gale irratti akka hirmaatan kan ibsu dha. 7 Anis, gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa karaa hojii humna isaa tola anaaf kennamee wajjin haala wal simuun iccitii qulqulluu kanaaf tajaajilaa taʼeera.+
-