LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Qorontos 1:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Sababiin isaas, “Ani ogummaa warra ogeeyyii nan balleessa, beekumsa warra beektotaas darbadhee nan gata”+ jedhamee barreeffameera. 20 Egaa sirna* kana keessatti ogeessi, barsiisaan seeraa* fi inni falmii jaallatu eessa jira? Waaqayyo ogummaa addunyaa gowwummaa godheera mitii?

  • 1 Qorontos 3:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Sababiin isaas, “Inni warra ogeeyyii taʼan haxxummaa isaaniitiin isaan qabata”+ jedhamee waan barreeffameef, ogummaan addunyaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha. 20 Akkasumas, “Yihowaan* yaanni namoota ogeeyyii taʼanii gatii akka hin qabne beeka.”+

  • 2 Ximotewos 2:24, 25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Sababiin isaas, garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii* kan taʼe,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabuu fi yeroo jalʼinni isa irratti raawwatamu kan of toʼatu taʼuu qaba;+ 25 akkasumas warra ilaalcha sirrii hin qabne garraamummaadhaan kan gorsu taʼuu qaba.+ Tarii Waaqayyo beekumsa dhugaa isa sirrii akka argataniif+ yaada akka geddaratan carraa isaaniif ni kenna taʼa;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi