6 nuuf garuu Waaqa tokkicha+ isa Abbaa+ keenya taʼe, isa wantoonni hundi biraa argamanii fi nutis kan isaa taane qofatu jira;+ akkasumas, Gooftaa tokkicha isa wantoonni hundi karaa isaa argamanii+ fi nutis karaa isaa argamne Yesuus Kiristoos qofatu jira.