-
1 Qorontos 13:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Jaalalli+ ni obsa,+ gaarummaas ni argisiisa.+ Jaalalli hin hinaafu.+ Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu,+ 5 amala naamusaan ala taʼe* hin argisiisu,+ faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu,+ hin aaru.+ Miidhaa isa irra gaʼe* galmeessee hin qabatu.+ 6 Jalʼinatti hin gammadu,+ kanaa mannaa dhugaa wajjin gammada. 7 Waan hundumaa dandaʼa,+ waan hundumaa amana,+ waan hundumaa abdata,+ waan hundumaa dandamata.+
-