2 Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa;+ kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan,+ buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin,+ hawwii guddaadhaan raawwadhaa;