-
1 Ximotewos 1:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 seerri kan tumamu nama qajeelaadhaaf akka hin taane beekna; kanaa mannaa, warra seera cabsanii+ fi finciltootaaf, warra Waaqayyoon hin sodaannee fi cubbamootaaf, warra amanamoo hin taanee* fi warra wanta qulqulluu tuffataniif, warra abbootii isaanii ajjeesanii fi warra haadhotii isaanii ajjeesaniif, warra nama ajjeesaniif, 10 warra halaleedhaaf,* warra nama gadhoomsaniif,* warra nama ukkaamsanii fudhataniif, warra sobaniif, warra sobaan kakatanii fi wanta barumsa gaarii*+ taʼeen mormu kan biraa hundumaatiifi;
-