LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Ximotewos 3:2-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba kan taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, barsiifata madaalamaa kan qabu, sirriitti kan yaadu,*+ seera qabeessa, keessummaa kan simatu,+ barsiisuuf gaʼumsa kan qabu,+ 3 kan hin machoofne,+ abbaa humnaa kan hin taane,* yaada ofiitti kan hin cichine,+ kan nama hin lolle,+ maallaqa kan hin jaallanne,+ 4 ijoollee isaa kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban godhee guddisuudhaan haala gaariidhaan maatii isaa kan bulchu taʼuu qaba;+ 5 (sababiin isaas, namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?) 6 boonuudhaan of bokoksee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka isa irra hin geenyeef dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu.+ 7 Kana malees, akka hin komatamnee* fi kiyyoo Diyaabilos keessatti akka hin kufneef namoota alaa birattis maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi