29 Haa taʼu malee, inni keessa isaatti Yihudii taʼe+ Yihudii dha; dhaqna qabaan isaas seera barreeffameen utuu hin taʼin,+ dhaqna qabaa garaa+ isa hafuura Waaqayyootiin raawwatame dha. Namni kun namoota biraa utuu hin taʼin, Waaqayyo biraa ulfina argata.+