-
Ibroota 6:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Sababiin isaas, warra yeroo tokko ifni isaaniif ife,+ warra kennaa tolaa isa samii irraa dhandhamatan, warra hafuura qulqulluu fudhatan, 5 akkasumas warra dubbii Waaqayyoo isa gaarii fi humnoota sirna* dhufu sanaa dhandhamatanii turan, 6 garuu immoo amantii irraa garagalan,+ deebiʼanii yaada akka geddaratan kakaasuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, isaan ofii isaaniitiif Ilma Waaqayyoo lammata muka irratti fannisu, akkasumas uummata duratti isa salphisu.+
-
-
1 Yohaannis 5:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Namni kam iyyuu obboleessi isaa cubbuu duʼa hin geessisne utuu hojjetuu yoo arge isaaf haa kadhatu, Waaqayyos jireenya isaaf ni kenna;+ eeyyee, Waaqayyo warra cubbuu duʼa hin geessisne hojjetaniif jireenya ni kenna. Cubbuun duʼa geessisu jira.+ Nama cubbuu akkasii hojjeteef haa kadhatu hin jedhu.
-